HIV/AIDS'n maali?
HIVn vaayirasii sirna ittisa qaamaa miidhudha. HIVn hin yaalamne seelii CD4 kan gosa seelii ittisa qaamaa T seelii jedhamu irratti dhiibbaa geessisee ajjeesuun dhukkuboota biroof nama saaxiluudha
Mallattoolee isaa(symptoms):
- limfii dhiita’uu
- ulfaatina qamaa hir’isuu
- dhaqna gubaa
- Qufaa ykn garaa kaasaa torban lamaaf isaa olta’e fi kkf
Qorannoo (Diagnosis)
Qorannoo dhigaan :
- qorannoo HIV arifachisaa(RDT )
- Vayiraa loodiidhaan
- Lakkoofsa CD4 tiin
Kara daddarbinsa(transmission)
- wal Qunnamtii saalaa of eegannoo hin qabneen
- Meesha qara qabu waliin fayyadamuu
- dhangala’oo qaama saalaa dhiiraa (rectal fluids).
- Hadha irraa gara ilmootti yeroo ulfaa,dahumsaa,karaa harma hoosisuun.
Ittisa (prevetion)
Seera ABC fayyadamuu kan jechuun:
- A(abstain) wal qunnamtii saalaa fudhaa fi heruma duraa irraa of qusachuu
- B(be faithful) tokkoof tokkoon murta’uu
- C(kondomi fayyadamu)
- Yeroo yeroon qoratamuu
PrEP (ittisa saaxilamummaa duraa) fi PEP (ittisa saaxilamummaa boodaa) fayyadamuu
Wal'aansa(treatment)
Kaayyoon inni guddaan wal’aansa dhukkuba HIV: Carraa lubbuun jiraachuu dabaluu ,qulqullina jireenyaa fooyyessuu fi daddarbiinsa HIV ittisuu dha.
- Wal’aansi HIV yaala farra vaayirasii walitti makame (ART) fayyadamuun vayiraal loodii xiqqeesuu,hojii ittisa qaamaa eeguu ykn fooyyessuu fi carraa infek-shinii fi kaansarii yeroo baay‘ee HIV waliin walqabatu hir’isuu of keessatti qabata.
- Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) yaada addunyaa lenacapavir jedhamu kan waggaatti al lama lilmoodhaan kennamu kan dhukkuba HIV ittisuuf gargaaru, keessumaa gareewwan balaa guddaa qabaniifi naannolee daddarbiinsa HIV baay’inaan itti mul’ateef kenneera.
- Lenacapavir (Yeztugo) kan Gilead Sciences irraa argame yaaliiwwan kilinikaa marsaa 3ffaa lama kanneen dhaabbatichaan maallaqaan gargaaraman irratti carraa dhukkuba HIV haalaan akka hir’isu agarsiifameera.
- Yaaliin kaayyoo 1ffaa fi kaayyoo 2ffaa akka agarsiisutti hirmaattoota lenacapavir fudhatan keessaa 99.9% HIV negaatiivii ta’anii hafan. Miidhaan isaas xiqqaa ture, irra caalaa dhukkubbii ykn dhiita'uu bakka qoricha itti.naqameetti




