Dhukkuba sukkaaraa(DM)

Getachew Sura
Jun 16, 2026
undefined

Dukkuba Sukkaaraa (DM)

Diabetes Mellitus jechuun dhukkuba yeroo dheeraa turu kan sukkaara dhiigaa (glucose) olka'aa ta'e agarsiisuudha. Kun yeroo qaamni insulin gahaa hin oomishne ykn insulin sirnaan fayyadamuu dadhabu uumama.

Insuliniin hormoonii qaama keessaa kan sukkaara dhiigaa gara seelotaatti galchuun humna akka ta'u gargaarudha.

 Gosoota Diabetes Mellitus

A. Type 1 Diabetes Mellitus

  • Qaamni ofii isaa seelota insulin oomishan balleessa.
  • Insuliniin hin oomishamu ykn baay'ee xiqqaadha.
  • Hedduun daa'immanii fi dargaggoota irratti mul'ata.

B. Type 2 Diabetes Mellitus

  • Qaamni insulinitti deebii sirrii hin kennu (insulin resistance).
  • Innis gosoota diabetes keessaa baay'ee kan mul'atudha.
  • Ulfaatina qaamaa, sochii qaamaa dhabuu fi seenaa maatii waliin walqabata.

C. Gestational Diabetes

  • Yeroo ulfaa keessatti yeroo jalqabaaf kan argamu

3. Mallattoolee fi Mallattoo (Signs and Symptoms)

Mallattoolee Ijoo (Three Ps)

1. Polyuria

  • Fincaan baay'ee bahuu.

2. Polydipsia

  • Dheebuu baay'ee.

3. Polyphagia

  • Beela baay'ee.

Mallattoolee Biroo

  • Ulfaatina qaamaa hir'achuu
  • Dadhabbii
  • Mul'anni dukkanaa'uu ykn ifa dhabuu
  • Madaa yeroo dheeraa fayyu
  • Infekshinii irra deddeebi'uu
  • Harkaa fi miilla keessatti hollachuu ykn muddamuu
  • Halkan fincaan baay'ee bahuu

4. Qorannoo (Diagnosis)

Namni tokko diabetes qaba jechuun yoo keessaa tokko argame mirkanaa'a.

A. Fasting blood glucose (qorannoo sukkaaraa nyaata duraa)

FBG ≥ 126 mg/dl (7.0mmol)

Sa'aatii 8f erga nyaata irraa fagaatee booda

B ,Random Blood Glucose (sukkaara dhiigaa yeroo kamiyyuu qoratamu)

RBG  ≥ 200 mg/dL Mallattoolee diabetes waliin.

C. Qorannoo obsuu sukkaaraa afaaniin fudhatamu (OGTT)

Sa'aatii 2 booda ≥ 200 mg/dL.

D. HbA1c ≥ 6.5%

5. Qorannoowwan Dabalataa

  • HbA1c – Sukkaara dhiigaa yeroo dheeraa madaalu.
  • Qorannoo coomaa dhiigaa (Lipid Profile).
  • Qorannoo hojii kalee (Renal Function Test).
  • Qorannoo fincaanii (Urinalysis).
  • Qorannoo albamiinii fincaanii (Urine Albumin).
  • Qorannoo albuudota qaamaa (Electrolytes).

6. Yaalaa (Treatment)

A.Yaala Jireenyaa (Lifestyle Modification)

Nyaata Sirrii

   Kuduraa fi muduraa baay'ee nyaachuu

  • Sukkaara baay'ee hir'isuu
  • Nyaata fiber qabu fayyadamuu
  • Dhibbeentaa coomaa (fat) ol'aanaa hir'isuu      

    Sochii Qaamaa

    Torbanitti yeroo xiqqaatti daqiiqaa 150 sochii qaamaa giddu galeessaa gochuu

    Ulfaatina too'achuu

    Ulfaatina qaamaa hir'isuun insulin sirnaan akka hojjetu gargaara.

    B. Yaala Qorichaa (medical treatment)

    Type  1 Diabetes

    Insuliniin dirqama.

    Type 2 Diabetes

    Qoricha jalqabaa:

    Metformin

    Qorichoota biroo:

  • Empagliflozin
  • Dapagliflozin
  • Semaglutide

Yoo hin to'atamne:

  • Insuliniin kennamuu danda'a.

7. Rakkoolee Dhukkuba sukkaaraa

Rakkoolee Ariifachiisaa (acute complication)

Diabetic Ketoacidosis (DKA)

  • Hafuura saffisaa
  • Dadhabbii cimaa
  • Garaa keessaa dhukkubbii
  • Deemsa sammuu jijjiiruu

Hypoglycemia

  • Dadhabbii
  • Hancuffii
  • Dhukkubbii mataa
  • Hafuura baafachuu rakkachuu (SOB)

Rakkoolee Yeroo Dheeraa(long term complication)

Ija

  • Diabetic Retinopathy
  • Jaamummaa fiduu danda'a.

Kalee

  • Diabetic Nephropathy

Narvii

  • Diabetic Neuropathy

Onnee fi Hidda Dhiigaa

  • Dhukkuba onnee
  • Stroke
  • Peripheral arterial disease

8. Ittisa (prevention)

Ittisa Sadarkaa Tokkoffaa

  • Ulfaatina qaamaa sirrii eeguu
  • Sochii qaamaa yeroo hunda gochuu
  • Nyaata madaalawaa fayyadamuu
  • Tamboo xuuxuu dhiisuu
  • Dhugaatii sukkaara baay'ee qabu irraa fagaachuu

Ittisa Sadarkaa Lammaffaa

  • Qorannoo sukkaara dhiigaa yeroo yeroon gochuu
  • Qorannoo ijaa waggaatti al tokko
  • ubsattootaa kennuu

Ittisa Sadarkaa Sadaffaa

  • Sukkaara dhiigaa sirnaan to'achuu
  • Dhiibbaa dhiigaa to'achuu
  • Kolestroolii to'achuu

 

Cuunfaa (Summary)

  • Diabetes Mellitus jechuun dhukkuba yeroo dheeraa kan sukkaara dhiigaa olka'aa ta'een beekamuudha. Mallattooleen isaa ijoo fincaan baay'ee bahuu, dheebuu baay'ee fi beela baay'ee 

Comments (0)