● Vitamin D qaama keessatti argamu kan fayyaa lafee deeggaru, dhukkuba ittisuuf gargaaru, akkasumas faayidaa fayyaa barbaachisoo biroo kan kennudha.
Qaamni keenya Vitamin D eessaa argata?
● Qaamni keenya ifa aduu fi kolestroolii gogaa keenya keessatti argamu fayyadamuun Vitamin D oomishuuf ni danda'a. Hammi Vitamin D oomishamu wantoota akka umurii, halluu gogaa, aduudhaaf saaxilamuu fi haala fayyaa waliigalaa irratti hundaa'a.
o Namni tokko akkuma umuriin isaa dabalaa deemuun dandeettiin qaamni Vitamin D oomishuuf qabu ni hir’ata. Dabalataanis, namoonni dhuunfaa gogaan isaanii dukkanaa’e Vitamin D gahaa ta’e oomishuuf ifa aduu yeroo dheeraaf saaxilamuu barbaadu.
● Vitamin D nyaata of keessaa qabu nyaachuudhaanis argachuun ni danda’ama; isaanis qurxummii, kalee, hanqaaquu, fi oomishaalee aannaniifi midhaanii Vitamin Dn jajjabeeffaman kan dabalatudha.
Barbaachisummaa Vitamin D Qaamaaf
● Vitamin D kaalsiyeemii fi fosfarasiin garaacha keessaa akka xuuxamuuf haala mijeessa, albuudota kana dhiiga keessatti madaalawaa ta’ee akka jiraatu taasisa. Kunis guddina lafee daa’immanii fi fayyaa lafee ga’eessotaaf barbaachisaa dha.
● Wal'aansa cinatti dabalata kaalsiyeemii kennuunis ni danda'ama.
Hanqinni Vitamin D akkamitti ittisuun ni danda’ama?
Dhiiga keessatti hamma Vitamin D gahaa ta’e eeguuf daa’imman dhaloota irraa eegalee guyyaatti Vitamin D 400 IU fi ga’eessonni Vitamin D 800 IU akka fudhatan gorfama.
● Daa’imman aduu dhiqachuu: Kunis daa’imman—umrii torban jahaa irraa eegalee—guyyaatti daqiiqaa 15–30f ifa aduutiif saaxiluu kan dabalatu yoo ta’u, uffata isaanii irraa baasanii (ijaa fi naannoo qaama saalaa isaanii huccuudhaan haguuggachuu malee) fi osoo looshinii ykn zayita tokkollee hin dibatin.