Ulfa Gadameessaa Alaa

Eyerusalem Tadese
Jul 21, 2026
undefined

 Ulfa Gadameessaa Alaa(Ectopic Pregnancy)

Ulfi gadameessaa ala ta’e kan uumamu hanqaaquun walhormaataa ta’e tokko ujummoo keessoo gadameessaatiin alatti yeroo kaa’udha-kan akka qaamolee walhormaataa dubartootaa biroo ykn qaawwa garaa keessatti. Ulfi gadameessa alaa keessaa dhibbeentaan 98 kan uumamu ujummoo gadameessaa keessatti. Yeroo muraasaaf, miciree guddachaa jiru qaama gadameessaa ovaarii, garaa ykn bakka biraatti kaa’amuu danda’a.

Ulfa lamaan(lakkuu) yoo ta’e miciree tokko sirritti fo’aa gadameessaa keessa kan kaa’amu yoo ta’u inni kaan ammoo gadameessaan alatti kan kaa’amu ta’uu danda’a. Kun taatee hin baratamne ta'us dubartoota wal'aansa dhala dhabuu fudhatan biratti carraan isaa guddaadha.

Balaan ulfa gadameessaan ala ta’e maal fa’a?

Walumaagalatti, micireewwan dallaa gadameessaan alatti yeroo kaa’aman gadameessiin—kan dhiiga daa’ima gadameessa keessa jiruuf dhiyeessu—fayyaa waan hin taaneef, sirnaan guddachuu hin danda’an. Kana malees, dhiibbaan daa’imni gadameessa keessa jiru guddachaa jiru bakka itti kaa’ame irratti godhu akka ciccitu ykn dho’utti nama geessuu danda’a.

Kunis dhiigni keessoo hamaa kan lubbuu namaa galaafachuu danda’u fiduu danda’a.

Ulfa gadameessaan ala dhufuuf sababoota balaa, mallattoolee fi filannoowwan yaalaa beekuun, haalli lubbuu namaa balaa irra buusu osoo hin uumamin dura of eeggannoowwan akka godhamuu fi yaaliin fayyaa akka barbaadamu gargaara.

Sababoota balaa ulfa gadameessaa alaa:

● Miidhaa ujummoo gadameessaa (sababii infekshinii, baqaqsanii hodhuu, firii ykn wantoota dhalootaan hin baramneen)

● Caasaa gadameessaa (fkn gadameessa boca T ykn bicornuate gadameessaa)

● Seenaa ulfa gadameessaan ala kanaan dura mudate;

● Seenaa dhukkuboota saalqunnamtiin daddarban (STDs)

● Hiriyoota saalqunnamtii dachaa qabaachuu;

● Tamboo xuuxuu

● Umuriin haadholii guddate. 

● Dubartoota wal’aansa dhala dhabuu fudhachaa jiran ykn qoricha dhala namaaf gargaaran fudhatan.

● Dubartoonni meeshaa gadameessa keessaa (IUD) fayyadaman carraan ulfaa’uu isaanii baay’ee xiqqaadha haa ta’u malee, ulfi yoo uumame carraan inni gadameessaa alaa (gadameessaan alatti uumamuu) ta’uu isaa guddaadha.

● Dubartoonni gadameessa keessa osoo jiranii diethylstilbestrol (hormoonii istroojiinii sinteetikii ulfi akka hin baane da’umsa yeroo malee fi rakkoolee ulfaa biroo ittisuuf ajajamu) saaxilaman carraan ujummoo gadameessaa isaanii keessatti wantoota hin baramne qabaachuu isaanii guddaadha.

Mallattoon ulfa gadameessaa alaa maali?

Mallattoon dhukkuba kanaa kanneen armaan gadii of keessatti qabata; yeroo tokko tokko osoo dubartiin ulfa ta’uu ishee illee hin hubatin uumamuu danda’u:

● Dhukkubbii garaa

● laguu arguu dhisuu

● Dhiigni salphaa qaama gadameessaa kessaa dhangalaa’uu.

● Mallattoolee ulfaa (kan akka garaa kaasaa, ykn  Dhukkubbii harmaa,yeroo baay’ee fincaa’uu).

Haa ta'u malee, dubartoonni dhibbeentaa 50 ol ta'an hanga ujummoon garaachaa ciccitutti dhukkubbii garaa salphaan alatti mallattoo tokkollee hin agarsiisan.kanaraa irraa kan ka’ee dhukkubbiin garaa cimaan, dhukkubbii gatettii fi dhiigni qaama saalaa ni mul’ata. Kunis jalqaba irratti garaa kaasaa fi mataa namaa salphisuu, itti aansuunis dhiibbaan dhiigaa gadi bu’uu fi of wallaaluu fida.

Ulfi gadameessaan ala ta’e lubbuu namaa balaadhaaf saaxilu waan ta’eef hatattamaan yaala fayyaa argachuun barbaachisaadha.

Ulfi gadameessaan ala jiru akkamitti adda baafama?

1.Qorannoon ulfa gadameessaa alaa adda baasuuf oolu altiraasaawundii fi qorannoo dhiigaa hormoonii ulfaa (hCG) safaru kan dabalatudha.

Wal’aansi ulfa gadameessaa ala ta’e maali?

Wal’aansi battalumatti kan jalqabu ulfi gadameessaa ala ta’e erga adda baafamee booda. Kunis qoricha ykn baqaqsanii hodhuu kan dabalatu ta’uu danda’a.

Wal’aansa Fayyaa – Dubartoota ulfa gadameessaan alaa mudatan keessaa gara harka sadii keessaa tokko qoricha methotrexate jedhamu kan guddina daa’ima gadameessa keessa jiru dhaabuun yaalamuu danda’u. Qorichi kun karaa lilmootiin yoo kennamu dhukkubbii garaa fi ciniinsuu fiduu danda’a. Kana yaluuf paracetamol gahaadha. Fayyadamni qoricha NSAID (kan akka ibuprofen ykn aspirin) sababa wal-nyaatinsa isaan methotrexate wajjin qabuun dhorkaadha.

Yeroo sirritti fi hordoffii sirrii ta’een yoo itti fayyadamne wal’aansi meetotreekseetii hanga dhibbeentaa 95 milkaa’a.

2. Wal’aansa baqaqsanii hodhuu – Haalota baqaqsanii hodhuu barbaachisan keessaa muraasni:

● Micireen guddachaa jiru bakka itti dhaabame akka ciccitu ykn akka ciccitu yeroo taasisu.

● Dubartoota haala yaaddessaa keessa jiran keessatti;

● Haalli ykn dhukkuboonni waliin jiraatan kanneen qoricha qorichaan wal’aansa faallaa ta’an jiraachuu.

● Dubartii yeroo qoricha sammuu namaa hadoochu hordoffii barbaachisaa ta’e gochuu hin dandeenye.

Baqaqsanii hodhuun akkamitti raawwatama?

Baqaqsanii hodhuun kun garaa keessaa ciccituu ykn banaa xixiqqoo uumuu fi tuubii haphii kaameraa qabu fayyadamuun raawwatamuu danda’a. Baqaqsanii hodhuu garaa banaa wajjin wal bira qabamee yoo ilaalamu, malli inni lammaffaan dhukkubbii hir’isuuf kan gargaaru yoo ta’u saffisaan akka fayyan kan taasisudha.

Yeroo baqaqsanii hodhuu tuubii gadameessaa baafamuu qabaa?

Yeroo tokko tokko, yeroo baqaqsanii hodhuu ulfa gadameessaa ala jiru buqqisuu fi ujummoo gadameessaa suphuun ni danda’ama.

Yeroo biraa garuu, ujummoo gadameessaa baasuun barbaachisaa ta’a. Hojimaanni kun kan raawwatamu dhiigni to’annaa jala hin oolle yoo jiraate, ulfi tuubii tokko keessatti irra deddeebi’ee yoo uumame, tuubii sana irratti miidhaa cimaan yoo jiraate ykn miciree tuubii keessaa garmalee yoo guddate, akkasumas dubartoota da’umsa xumuran irratti yoo ta’edha.

Gara fuulduraatti carraan ulfaa'uu maali?

Carraan ulfi itti aanu gadameessa keessatti uumamuu ulfa duraan gadameessaan ala ta’e booda 38 % hanga 89 %yoo ta’u, carraan ulfa gadameessaan ala deddeebi’ee dhufu tilmaamaan %15 ta’a.

 

Comments (0)