dhukkuba busaa

Getachew Sura
Jun 11, 2026
undefined

                           Dhukkuba busaa

Dhukkubni busaa dhukkuba lubbuu namaa balaarra buusudha. Akkaataa idileetti karaa ciniinnaa hoomaa awwaannisaa Anopheles dhukkuba kanaan qabameen daddarba. Awwaannisni dhukkuba kanaan qabame paraasitii Pilaasmoodiyaam qabatanii deemu. Awwaannisni kun yeroo si ciniinu, paraasitiin sun gara dhiiga keessanitti gadi lakkifama.

Paraasitoonni kun erga qaama kee keessa jiranii booda gara kalee imaluun achitti bilchaatu. Guyyoota hedduu booda, ilbiisonni bilchaatan gara dhiigaatti seenuudhaan seelii dhiiga diimaa faaluu jalqabu.

Sa’aatii 48 hanga 72 keessatti, paraasitoonni seelii dhiiga diimaa keessa jiran baay’achuun seelonni dhukkuba kanaan qabaman akka dhoo’an taasisa

Paraasitoonni busaa nama faaluu danda’an gosa afur qabu: Plasmodium vivax, P. ovale, P. malariae, fi P. falcipar

               Mallattoolee  dhukkubaa busaa

.Mallattoowwan dhukkuba busaa baay’inaan mul’atan:

  • Ho’a qaamaa (fever)
  • Qorraa fi Hollannaa
  • Dadhabina qaamaa
  • mataa dhukkubbii cimaa
  • Lalabbii
  • Haqqisiisuu (vomitting)
  • dhukkubbii garaa kaasaa
  • Nyaata jibbuu (loss of appetite)

Qorannoo (Diagnosis)

  • Qorannoo dhiigaa (Blood smear)
  • RDT(rapid diagnostic test) qorannoo busaa saffisaa
  • Qorannoo dhiigaa dabalataa yeroo barbaachisu

Rakkoolee isaa ( complication)

Yoo dafee yeroon yaalamuuu baate:-

  • Hanqina dhiigaa cimaa (animia)
  • Sammuun miidhamuu ( Cerebral malaria)
  • Kiliyaan hojii dhabuu
  • Sukkaari dhiigaa gadi bu’uu(Hypoglycemia)
  • Rakkoo hafuuraa (shortenes of breath)

Wal’aansa (Treatment)

  • Qoricha farra busaa ogeessa fayyaan ajajame seeraan fudhachuu
  • Dhangala’aa ykn dhugaatii baay’inaan dhuguu
  • Ho’a qaamaa too’achuu

 Ittisa prevention

  • Saaphan siree qoricha farra bookee busaa qabu fayyadamuu
  • Bishaan bakka tokkotti walitti kuufame balleessuu
  • Uffata qaama haguugu uffachuu keessumaa yeroo galgalaa
  • Qoricha bookee hari’u (repellent) fayyadamuu
  • Namni ho’a qaama qabu saffiaan qorannoo fi wal’aansa argachuu

Comments (0)