DHukkuba QORRAA

Getachew Sura
Jun 15, 2026
undefined

                 Dhukkuba Qorraa (Common Cold)

Qorri dhukkuba vaayirasii irraa dhufu kan yeroo gabaabaa keessatti qaama hafuura ol aanaa (upper respiratory tract) jechuun funyaan, qoonqoo fi karaa hafuuraa ol aanaa irratti miidhaa geessisu dha. Dhukkubni kun yeroo baay’ee vaayirasii Rhinovirus irraa kan ka’u yoo ta’u, vaayirasoonni biroo illee sababa ta’uu danda’u.

Dhukkubni kun baay’ee namarraa namatti darbuu danda’a; garuu yeroo hedduu salphaa dha, ofumaanis guyyoota muraasa keessatti fayya

Mallattoolee fi Agarsiistota (Signs and Symptoms)

Mallattoolee Duraa

  • Qoonqoon ciniinuu ykn dhukkubbii qabaachuu
  • Aksii baay’achuu (sneezing)
  • Funyaan keessatti miira jeequmsaa
  • Dadhabina xiqqoo

Mallattoolee Ijoo

  • Funyaan keessaa bishaan dhangala’uu (runny nose)
  • Funyaan cufamuu (nasal congestion)
  • Aksii baay’achuu
  • Qufaa
  • Sagaleen jijjiiramuu ykn hurruqsuu
  • Dhangala’aan qoonqoo duubaan gadi bu’uu (postnasal drip)
  • Mataa dhukkubbii salphaa
  • Dhandhamuu fi urgaa adda baasuu hir’achuu

Agarsiistota Qorannoo Qaamaa

  • Funyaan keessatti diimachuu
  • Funyaan keessatti baay’ina dhiigaa fi dhiibbaa (swelling)
  • Dhangala’aan funyaanii qulqulluu ta’ee jalqaba bahuu
  • Qoonqoon diimachuu

 

 

Qorannoo (Diagnosis)

Dhukkubni qorraa yeroo baay’ee seenaa dhukkubsataa fi mallattoolee irratti hundaa’uun adda baafama.

Waan Hojjetaan Fayyaa Ilaalu

  • Dhukkubni yeroo gabaabaa keessatti jalqabuu
  • Namoota dhukkubsatan waliin qunnamtii qabaachuu
  • Funyaan dhangala’uu
  • Funyaan cufamuu
  • Aksii
  • Qoonqoo dhukkubbii
  • Qufaa

Qorannoon Laaboraatorii

Yeroo baay’ee hin barbaachisu. Garuu yeroo addaatti:

  • PCR vaayirasii
  • Rapid antigen test
  • Respiratory viral panel fayyadamuu ni danda’ama.

Dhukkuboota Walfakkaatan

  • Influenza (Fluu)
  • COVID-19
  • Allergic Rhinitis
  • Sinusitis
  • Streptococcal pharyngitis

Akka Itti Darbu (Transmission)

1. Qunnamtii  Kallattiin

  • Harka wal qabachuu
  • Meeshaalee vaayirasii qabatan tuquu

2. Copha Hafuuraa (Respiratory Droplets)

Yeroo:

  • Qufaan
  • Aksiin
  • Haasa’uun

cophi hafuuraa namarraa namatti darbu danda’a.

3. Meeshaalee Xureeffaman (Fomites)

Vaayirasichi:

  • Balbala
  • Bilbila
  • Meeshaa waloo irratti turuu danda’a.

4. Qilleensa Keessatti

Keessumaa bakka qilleensi hin jijjiiramne keessatti vaayirasichi qilleensa keessa tamsa’uu danda’a. 

 

Yaalii (Treatment)

Kaayyoo Yaalii

dhukkubni qorraa qorichi vaayirasii balleessu addaa hin jiru. Yaaliin mallattoolee hir’isuuf taasifama.

Yaalii Qoricha Malee (Home remady)

  • Boqonnaa gahaa fudhachuu
  • Bishaan baay’ee dhuguu
  • Qilleensa jiidha qabu fayyadamuu
  • Bishaan soogidda qabuun funyaan dhiqachuu

Qorichoota Fayyadaman

  • Paracetamol – ho’a qaamaa fi dhukkubbii hir’isuuf
  • Ibuprofen – dhukkubbii fi ho’a qaamaa hir’isuuf
  • Pseudoephedrine – funyaan cufame banuuf
  • Oxymetazoline – funyaan cufame salphisuuf

Antibaayootikii

Antibaayootikiin hargansuuf hin kennamu sababni isaas:

  • Dhukkubni kun vaayirasii irraa dhufa.
  • Antibaayootikiin vaayirasii hin ajjeesu.
  • Rakkoo ofirraa fidan qabaachuu danda’u.
  • Dandeettii antibaayootikii irratti vaayirasii fi baakteeriyaan of eeggachuu (resistance) ni dabala.

Ittisa (Prevention)

  • Harka yeroo baay’ee saamunaan dhiqachuu
  • Yeroo qufaatan ykn aksiitan afaan fi funyaan haguuguu
  • Meeshaalee yeroo baay’ee tuqaman qulqulleessuu
  • Bakka qilleensi gaariin jirutti turuu
  • Nama dhukkubsate irraa fageenya eeguu

Rakkoolee Itti Aananii Dhufan (Complications)

Yeroo hedduu salphaa ta’us, yeroo tokko tokko:

  • Dhukkuba gurraa (otitis media)
  • Sinusitis
  • Asthma cimaa ta’uu
  • Dhukkuba sombaa yeroo dheeraa (COPD) hammaachuu
  • Dhukkuba karaa hafuuraa gadi aanaa

Cuunfaa (Summary)

Qorri dhukkuba vaayirasii irraa dhufu kan qaama hafuura ol aanaa irratti miidhaa geessisudha.

Comments (0)