Dhiibaa Dhiigaa olka’aa( High Blood pressure)
Dhiibbaa dhiigaa ol ka’e (Hypertension) jechuun yeroo dheeraaf dhiibbaan dhiigaa keessatti hidda dhiigaa (arteries) irratti uumamu sadarkaa idileerra ol ta’ee turuu dha. Kun yoo hin to’atamin yeroo dheeraa keessatti onnee, sammuu, kalee (kidney), fi ija irratti miidhaa geessisuu danda’a.
Dhiibbaan dhiigaa lakkoofsota lamaan ibsama:
- Sistolikii (Systolic Pressure): yeroo onneen dhiiga dhiibdu.
- Diastolikii (Diastolic Pressure): yeroo onneen boqotu.
Fakkeenyaaf: 120/80 mmHg
Mallattoolee fi Agarsiistota (Signs and Symptoms)
Mallattooleen yeroo tokko tokko mul’atan:
- Mataa dhukkubbii
- Mataa naanna’uu
- Argiin dukkanaa’uu ykn ifa dhabuu
- Hafuura baafachuu irratti rakkina
- Funyaan dhiiguu
- Laphee dhukkubbii
- Onneen saffisaan rukutuu ykn dha’annaan isaa dhaga’amuu
Sababoota Balaa Dabalatan (Risk Factors)
Kan Hin Jijjiiramne
- Umuriin dabalaa deemuu
- Seenaa maatii keessatti dhiibbaa dhiigaa jiraachuu
- Saala dhiiraa (umurii dargaggummaa keessatti)
- Dhaala (genetics)
Kan Jijjiiramuu Danda’an
- Soogidda baay’ee fayyadamuu
- Furdina qaamaa (obesity)
- Sochii qaamaa dhabuu
- Tamboo xuuxuu
- Alkoolii baay’ee dhuguu
- Dhiphina sammuu (stress)
- Nyaata fayyaa hin taane
- Sukkaara (diabetes)
- Dhukkuba kalee
Qorannoo (Diagnosis)
Dhiibbaan dhiigaa ol ka’e yeroo adda addaatti dhiibbaa dhiigaa safaruudhaan adda baafama.
Qorannoowwan Gaggeeffaman
- Safartuu dhiibbaa dhiigaa
- Qorannoo fincaanii
- Qorannoo sukkaaraa dhiigaa
- Qorannoo hojii kalee
- Qorannoo cooma dhiigaa (lipid profile)
- ECG (Electrocardiogram)
Rakkoolee Uumuu Danda’u (Complications)
Yoo hin to’atamin:
- Dadhabina Onnee (Heart Failure)
- Dhukkuba Sammuu Dhiigaan Walqabatu (Stroke)
- Dhukkuba Hidda Dhiigaa onnee (Coronary artery disease)
- Dhukkuba Kalee Yeroo dheerraa (CKD)
- Argaa dhabuu
Rakkoo hidda dhiigaa qaamaa
Yaalii (Treatment)
Jijjiirama Akkaataa Jireenyaa
- Soogidda hir’isuu
- Kuduraa fi muduraa baay’inaan nyaachuu
- Ispoortii ykn sochii qaamaa yeroo hunda gochuu
- Ulfaatina qaamaa to’achuu
- Tamboo dhiisuu
- Alkoolii hir’isuu
- Dhiphina sammuu to’achuu
Qorichoota Fayyadaman
- Amlodipine
- Enalapril
- Lisinopril
- Losartan
- Hydrochlorothiazide
Qorichi kam akka kennamu umurii, sadarkaa dhibee fi dhukkuboota biroo irratti hundaa’a.
Ittisa (Prevention)
- Ulfaatina qaamaa sirrii eeguu
- Sochii qaamaa yeroo hunda gochuu
- Soogidda hir’isuu
- Tamboo irraa fagaachuu
- Alkoolii daangeessuu
- Dhiibbaa dhiigaa yeroo yeroon safaruu
Cuunfaa (Summary)
Dhiibbaan dhiigaa ol ka’e (Hypertension) jechuun dhiibbaan dhiigaa yeroo dheeraaf sadarkaa idileerra ol ta’ee turuu dha. Yeroo baay’ee mallattoo hin qabu; garuu yoo hin yaalamne rakkoolee akka dhukkuba onnee, sammuu fi kalee fiduu danda’a. Qorannoo yeroo yeroon gaggeessuun, akkaataa jireenyaa fooyyessuun fi qoricha sirriitti fudhachuun dhibee kana to’achuun ni danda’ama.




