Garaa kaasaa Ariifachiisaa Daa'immaniiara

Getachew Sura
Jul 6, 2026
undefined

Garaa kaasaa Ariifachiisaa Daa'immanii

Garaa kaasaan daa’immanii  bobbaa haala hin baratamneen laaffisuu ykn irra deddeebiin teesissuu jedhamee kan hiikamu yoo ta’u, haalli kun nama irraa gara namatti garaagarummaa qaba. Fakkeenyaaf, namni torbanitti al tokko garaachaa baasuu barate tokko torbanitti al sadii akka tasaa yoo deeme, kun akka garaakaasaatti fudhatamuu danda’a. Haaluma walfakkaatuun, torbanitti al tokkotti irra deddeebiin yoo hafellee, sagaraa mul’atuun laaffisuun akka garaachaatti ramadamuu danda’a. Haalli kun daa’immanis miidhuu danda’a.

Dhukkubni garaachaa mataan isaa dhukkuba osoo hin taane mallattoo haalawwan bu’uuraa adda addaa ta’uu hubachuun barbaachisaadha. Mallattoo beekamaa ta’us,garakaasaan keessumaa daa’imman irratti lubbuu namaa balaadhaaf saaxiluu danda’a; kanaaf warri gargaarsa yaalaa yoom akka barbaadan beekuun murteessaadha.

 

Irra deddeebiin teesisuu fi walsimannaa bobbaa umurii fi nyaata daa'imaa irratti hundaa'a. Kun nyaata irratti hundaa’uun garaagarummaa qabaatus, daa’imman baay’ee xixiqqoo ta’an guyyaatti hanga si’a 3 hanga 10 teesisuu kan qaban yoo ta’u, daa’imman umuriin isaanii guddaa ta’e, daa’imman xixiqqoo fi daa’imman ammoo akkaataa idileetti garaachaa tokkoo hanga lamaa kan socho’an ta’a.

  Wantoonni daa’imman irratti garakaasaa fiduu danda’an maali?

1. Dhukkuba garakaasaa vaayirasiin dhufu

Vaayirasiin sababa jalqabaa garakaasaa daa’immanii yoo ta’u, weerarri kun ji’oota qorraa keessatti baay’inaan mul’ata. Ijoolleen hanga garaachaa qabanitti dhukkuba kana namoota birootti dabarsuu danda’u.Karaan daddarbiinsa inni guddaan maaykiroo-orgaanizimoota sagaraa keessatti argaman harka irraa gara afaanitti dabarsuudha; kanaaf nama irraa namatti akka hin daddarbneef harka dhiqachuun murteessaadha. Mallattoowwan daa’imman vaayirasichaan qabaman irratti mul’atan kanneen akka:

● Garaa kaasaa cimaa

● Ho'a qaamaa

● Mataa dhukkubbii

● Garaan namaa dhiita'uu

● Fedhii nyaataa dhabuu, fi

● Dhukkubbii maashaalee fi lafee 

Mallattoon garaakaasaa vaayirasii yeroo baayyee guyyoota afur keessatti kan mul’atu yoo ta’u, guyyoota sadii hanga torbaa kan turudha. Daa’imman kana dhangala’aa bade guutuudhaan, qoricha ho’a qaamaa fi dhukkubbii salphisu kennuudhaan, akkasumas boqonnaa hedduu akka argatan gochuudhaan gargaaruu dandeenya. Kana bira darbee dhukkuba kana fayyisuu ykn vaayirasicha ajjeesuuf yaaliin addaa hin jiru. 

2.Garakaasaa baakteeriyaan dhufu: Yeroo tokko tokko infekshinii baakteeriyaa fi kan vaayirasii adda baasuun rakkisaadha. Ho’i qaamaa olaanaa itti fufiinsa qabu (40oC ykn 104oF ol) fi babbaan dhiiga ykn furrii of keessaa qabu garakaasaa baakteeriyaa wajjin walqabatee jira. 

3. Paraasitoonni akka amoeba fi *Giardia* daa’imman dabalatee kutaalee uummataa hunda ni miidhu. Garaan paraasitii torban lamaa ol turuu danda’a.

4. Garakaasa antibaayootikii waliin walqabatee dhufu – Antibaayootikii hedduun daa’immanii fi ga’eessota irratti akka miidhaa cinaa garaachaa fiduu danda’u. Sababni kanaaf inni guddaan qorichi kun baakteeriyaa faayidaa qaban tokko tokko garaacha keessatti ajjeesuu isaaniiti, kanaanis baakteeriyaa lubbuun hafe—kan akka *Clostridium difficile*—garmalee akka baay’atan taasisa. Baakteeriyaan kunniin booda garakaasaa fiduu danda’u. 

Dhukkubni garakaasaa fayyadama antibaayootikii wajjin walqabatee dhufu yeroo baay’ee salphaa waan ta’eef bishaan qaama keessaa hir’achuu ykn ulfaatina qaamaa hir’isuu hin geessisu; kanaaf qoricha kana dhaabuun ykn nyaata daa'imaa jijjiiruun hin barbaachisu. Yeroo baayyee garaachaan kun erga qorichi kennamee booda guyyaa tokkoo hanga lamaa keessatti ni fura. Haa ta’u malee, garaachaan kun bishaan qaama namaa akka hir’atu kan godhu yoo ta’e, dhiiga kan of keessaa qabu yoo ta’e ykn qoricha kana erga dhaabdee boodas kan itti fufe yoo ta’e, buufata fayyaa dhaquun hakiima kee mariisisuu qabda. 

Mucaan koo dhukkuba garakaasaa qaba; yoom gara doktoraatti isa geessuu qaba?

Mucaan keessan mallattoolee kanneen armaan gadii kanneen yaala fayyaa hatattamaa barbaadan yoo agarsiisan hatattamaan gara doktoraatti geessuu qabdu:

● Garakaasaa dhiigaa

● Nyaachuu fi dhuguu diduu

● Dhukkubbiin garaa addaan citee ykn cimaan

● Jijjiirama amala, dadhabbii, of wallaaluu ykn deebii kennuu hir’isuu dabalatee

● Bishaan qaama keessaa hir’achuu giddu galeessaa hanga cimaa (mallattoon bishaan hir’achuu kanneen armaan gadii ni dabalata:) . 

o Afaan goguu

o Dadhabbii fi burjaajii

o Dheebuu garmalee

o Daa’immanii fi daa’imman xixiqqoo irratti sa’aatii 4 hanga 6, ykn daa’imman umuriin isaanii guddaa ta’e irratti sa’aatii 6 hanga 8 fincaan  hira’achuu

o Yeroo boo’an imimmaan dhangala’uu dhabuu fi ija lixuu 

Dhukkubni garaachaa akkamitti yaala?

Mana keessattis ta’e dhaabbata yaalaa keessatti yoo yaalamanii, galmi jalqabaa garaacha yaaluun dhangala’oo fi soorata badan guutuudha. Dabalataanis, sababni bu’uuraa adda baafamuu qaba; yoo garaachaan kun paraasitii ykn baakteeriyaa irraa dhufe qoricha farra maaykiroobiyaanii sirrii ta’e barbaachisa.

Kana malees, daa’imman umurii isaanii irratti hundaa’uun guyyoota 10 ykn 20f ziinkii jechuunis soorata qaama garaachaa deggeru ni kennamaaf.

Yoo daa’imni keessan mallattoo bishaan hir’achuu hin agarsiifne ykn mallattoo salphaa qofa yoo agarsiise, wal’aansi ORS (Oral Rehydration Salts) filannoodha; furmaanni kun bishaanii fi soorata barbaachisoo of keessaa qaba. Haa ta’u malee, daa’imni keessan mallattoo bishaan hir’achuu cimaa yoo agarsiise, dhangala’aan hidda dhiigaa keessaa (IV) barbaachisuu danda’a. 

Mucaan koo maal nyaachuu fi maal dhuguu qaba?

Mucaan keessan nyaata idilee isaa nyaachuu itti fufuu danda’a. Nyaatni mijatoo ta’an kanneen akka:

  • Foon
  •  Ruuzii, boqqolloo fi daabboo
  • Yoogartii
  •  Kuduraalee fi muduraalee
  •  Aannani (yoo daa’imni aannan daakuuf rakkate malee) .

Kana malees, daa’imni keessan yeroo sagaraa keessa darbu hundatti dhangala’aa (ORS) dhuguu qaba. 

Mucaan koo nyaata fi dhugaatii kam irraa fagaachuu qaba?

Nyaatni kun garaachaa hammeessuu danda’u:

• Nyaata cooma baay’ee qabu

• Juice abaaboo, peerii fi cheerii

• Dhugaatii sukkaara baay’ee qabu

. • Dhugaatii ispoortii 

Dhukkubni garakaasaa akkamitti ittisuun danda’ama?

Karaalee jalqabaa garaacha salphaatti ittisuu dandeenyu keessaa tokko harka keenya saamunaa fi bishaaniin sekondii 15 hanga 30tti sirriitti dhiqachuudha. Yeroo harka dhiqannu naannoo cirracha qubaa fi quba gidduu jiru xiyyeeffannoo kennuun barbaachisaadha. Yoo saamunaa fi bishaan hin argamne, harka xuuxuu alkoolii irratti hundaa’e fayyadamuun ni danda’ama. Yeroo hunda mana fincaanii erga fayyadamtee booda, daappii jijjiirtee, nyaata qopheessitee ykn balfa gosa kamiyyuu erga tuqxee booda harka kee dhiqachuu qabda.

Kana malees, nyaata sirriitti bilcheefame nyaachuu fi bishaan qulqulluu, qulqullaa’e (bishaan bilcheefame fi qabbanaa’e) dhuguun barbaachisaa dha. 

Comments (0)