Dhukkuba Gaggabdoo (Epilepsy)
• Dhukkubni gaggabdoo haala sochii elektirikii sirna narvii giddu galeessaa ykn sammuu keessatti hin baramneen dhufudha. Akkaataa idileetti kan mul’atu yeroo sekondii ykn daqiiqaa muraasa turu yoo ta’u, sochiiwwan fedhii malee raawwataman kutaa qaamaa ykn guutummaa qaamaa irratti dhiibbaa geessisan, jijjiirama amala, hubannoo miiraa jijjiiramuu, of wallaaluu fi to’annoo garaachaa ykn ujummoo fincaanii dhabuudhaan kan beekamudha.
• Haalli fayyaa adda addaa mallattoolee dhukkuba gaggabdoo wajjin wal fakkaatu qabatanii mul’achuu danda’u. Dhukkubni garaa kaasaa, raafamuu, qaamni jabaachuu, afaan irraa foo’uu fi of wallaaluu kan dabalatu ta’uu danda’a. Haa ta’u malee, dhukkubsataan tokko dhukkuba garaachaa qabaachuun isaa adda baafamuuf yoo xiqqaate sababa nama kakaasu tokko malee yeroo lama dhukkubbii garaa kaasaa qabaachuu qaba.
• Akka ragaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa agarsiisutti, addunyaa guutuutti namoonni tilmaamaan miliyoona 50 ta’an haala kanaan miidhamaniiru; dhibee saala, umrii, sanyii, gosa osoo hin ilaalin nama kamiyyuu miidhuu danda'uudha.
Mallattoon dhukkuba gaggabdoo maali?
• Dhukkubni garaachaa gosa adda addaa kan qabu yoo ta’u, mallattoon isaas gosa isaa irratti hundaa’uun garaagarummaa qaba; akkaataa idileetti sekondii ykn daqiiqaa muraasaaf turu. Isaan keessaa:
o Yeroodhaaf burjaajii
o Qubee ijaan ilaaluu
o Sochii harkaa fi miila to’annaa ala ta’e
o Dammaquu dhabuu
o Sodaa tasa, yaaddoon ykn miira kanaan dura hin mudanne (déjà vu), fi
o To’annoo ujummoo fincaanii ykn garaachaa dhabuu.
• Dhukkubsataan dhukkuba garaachaa qabu yeroo baay’ee yeroo dhukkubbii garaachaa hunda mallattoo walfakkaataa agarsiisa.
Wantoonni dhukkuba Epilepsii fidan fi haalonni nama saaxilan maalfa'i?
Dhukkubsattoota dhibee kanaan rakkatan keessaa dhibbeentaa 50 keessatti sababni isaa hin beekamu. Haa ta’u malee, dhibbeentaa 50 hafaniif sababni isaa kanneen armaan gaditti tarreeffaman keessaa tokko ta’uu isaaf carraan guddaan jira.
Isaan keessaa:
• Saaxilamummaa dhaalaan darbu (Genetic predisposition)
Miseensi maatii tokko haala kana yoo qabaate maatii keessatti daddarbuuf balaan ni jira.
• Miidhaa Mataa
Balaan kamiyyuu (kan akka balaa konkolaataa) mataa irratti miidhaa geessisu nama dhibee kanaan qabame irratti dhukkuba garaachaa akka guddatu gochuu danda’a.
• Haalota Sammuu Irratti Dhiibbaa Uuman
Dhukkuboonni sammuu miidhan kan akka dhiigni sammuu keessatti dhangala’uu fi dhibee sammuu dhukkuba garaachaa fiduu danda’u. Qorannoon akka agarsiisutti dhukkubsattoota umuriin isaanii waggaa 35 ol ta'e irratti sababa jalqabaa dhibee kanaaf dhiigni sammuu keessatti dhangala'uu (stroke) ta'a.
• Dhukkuboota daddarboo
Dhukkuboonni akka meningitis, HIV/AIDS, fi infekshinii sammuu dhukkuba garaachaa fiduu danda’u.
• Hanqinni oksijiinii yeroo da’umsaa ykn daa’imummaa sammuu irratti dhiibbaa geessisu dhukkuba garaachaa fiduu danda’a. Fakkeenyaaf, daa’imni tokko gadameessa keessatti oksijiinii dhabuun (asphyxia) yoo isa mudate, yeroo malee yoo dhalate ykn yeroo daa’imummaatti dhukkuba sombaa ykn sammuutiin yoo qabame dhukkuba garaachaatiin qabamuuf carraa qaba.
• Hanqina sammuu dhalootaan dhufu
• Umurii
Dhukkubni garaachaa baay’inaan daa’immanii fi dargaggoota ga’eessota irratti mul’ata; haa ta’u malee, haala umurii kamiyyuu keessatti uumamuu danda’uudha.
Rakkoowwan kanaan walqabatan maali?
• Balaa gosa adda addaa mudachuu ni dabala. Isaan kun kan uumaman yeroo dhukkubni garaa kaasaa rukutee fi raafamuun jalqabudha. Fakkeenyonni kanneen akka:
• Balaa kufaatii
• Balaa bishaaniin liqimfamuu – Namoonni haala kana qaban ummata waliigalaa wajjin wal bira qabamee yoo ilaalamu carraan bishaaniin liqimfamuu dachaa 15 hanga 19 ta’a. Sababni isaas, yeroo dambalii dambalii (seizure) uumamuu waan danda’uuf.
• Balaa konkolaataa
• Yaadannoowwan ulfaa wajjin walqabatan
Dhukkubni gaggabdoo yeroo ulfaa rakkoolee adda addaa fiduu danda’a. Fakkeenyaaf, balaan kufaatii, akkasumas dhimmoonni fayyaa daa’ima gadameessa keessa jiruuf qoricha kanaan walqabatee dhufuu danda’u ni jira. Kanarraa kan ka’e, namoonni dhukkuba garaachaa qaban ulfa baasuuf karoorfatan, jijjiirraan qoricha barbaachisaa ta’uu waan danda’uuf, hakiima isaanii isa isaan ilaalu mariisisuu qabu.
• Haalawwan xiinsammuu biroo – Qorannoowwan adda addaa akka agarsiisanitti namoonni dhukkuba gaggabdoo qaban haalawwan xiinsammuu kan akka dhiphina sammuu fi yaaddoof saaxilamoo ta’u.
• Miidhaa sammuu dhaabbataa – Miidhaan sammuu dhaabbataa ta’e uumamuu danda’a, keessumaa yoo dhukkubni sammuu daqiiqaa shan ol turu ykn yeroo baay’ee yoo deddeebi’e.
• Du’a – Dhukkubsattoota dhibba keessaa tokko sababa hin beekamneen du’a tasaa mudachuu danda’a; kunis Du’a Tasaa Hin Eegamne Dhukkuba Gaggabdoo (SUDEP) jedhamuun beekama.
Keessattuu haalli kun qoricha kan dandamatu yoo ta’ee fi dhukkubni qaamaa qaama guutuu kan hirmaachise yoo ta’e carraan du’a tasaa ni dabala.
Qormaata adda baasuu dhukkuba gaggabdoo
Madaallii mallattoolee fi seenaa yaalaa keessanii hordofuun, qorannoowwan jalqabaa sababa dhukkuba garaachaa adda baasuuf itti fayyadaman kanneen armaan gadii of keessatti qabatu:
• Qorannoon niwurooloogii qormaata dandeettii sochii qaamaa fi dandeettii hubannoo kee madaaludha.
• Qorannoo infekshinii, dhiigaa dhukkuba dhalootaan dhufuu fi haalawwan fayyaa biroo mallattoolee kee wajjin walqabatan ilaaluuf kan gargaarudha.
•Qorannoo hojii elektirikii sammuu (EEG) qorannoo beekamaa dhukkuba gaggabdoo adda baasuuf gargaarudha. Yeroo qorannoo kanaa elektiroodonni gogaa mataa irratti maxxanuudhaan sochii elektirikii sammuu keessanii galmeessa.
Yoo dhukkuba garaachaa qabaatte, qorannoon kun jijjiirama dambalii sammuu kan mul’isu yoo ta’u, kunis gosa dhukkuba garaachaa addaa ati qabdu adda baasuuf gargaara.
• CT scan sababoota mallattoolee kee kan akka firii, dhiiguu ykn siistii dhangala’aan guutame—sammuu kee keessaa mul’isuuf gargaara.
• MRIn CT scan caalaa tishuuwwan sammuu keessanii haala gaariin ilaaluu danda’a.
• Qormaata niwuroo-saayikoloojii: Qormaatni kun amala kee akkasumas dandeettii yaaduu, yaadachuu fi dubbii kee madaalu.
Wal'aansa Dhukkuba Gaggaabdoo
Wal’aansi dhukkuba gaggabdoo qoricha irraa jalqaba; kun bu’aa barbaadamu yoo hin argamsiisne baqaqsanii hodhuu fi filannoowwan yaalaa biroo ni qacaramu.
Qorichoota
Namoonni dhukkuba gaggabdoo qaban baay’een isaanii qoricha farra garaa kaasaa tokko fudhachuudhaan dhukkubbii gaggabdoo irraa bilisa kan ta’an yoo ta’u, kaan ammoo tokkoo ol barbaadu.
Ijoolleen qoricha kana sirnaan fudhatan yeroo murtaa’e booda addaan kutuu fi jireenya mallattoo dhukkubbii gaggabdoo irraa bilisa ta’e jiraachuu danda’u. Ga’eessonnis, erga wal’aansa jalqabanii booda waggaa lamaaf mallattoo dhukkubaa irraa bilisa yoo ta’e qoricha kana fudhachuu dhiisuu danda’u. Qoricha kana hayyama hakiima keessanii malee addaan kutuun cimsee abdii kutachiisa, sababiin isaas dhukkubbii garaa kaasaa to’achuun rakkisaa ta’ee fi mallattoolee hammachuu fiduu danda’a.
Filannoon qoricha sirrii siif ta’u wantoota akka hamma dhukkubichaa, irra deddeebiin mallattoon dhukkubaa, umrii kee fi qoricha biroo fudhattu kamiyyuu irratti hundaa’a.
Qorichootni farra dhukkubbii garaachaa miidhaa tokko tokko qabaachuu danda’u.
Miidhaan salphaan kanneen akka:
- Bututaa
- Mataa namaa garagalchuu
- Ulfaatina qaamaa dabaluu
- Lafee qallachuu
- Gogaa irratti dhangala’uu
- Rakkoo dubbii
- Rakkoo yaadachuu fi yaaduu
Miidhaan ciccimoo garuu baay’ee hin mul’anne kanneen akka:
•Mukuu hamaa
• Yaada fi amala of ajjeesuu
• Gogaa irratti dhangala’uu cimaa
• Infeekshinii kalee fi tiruu
• Yeroo ulfaa yoo fudhatame qaama daa’ima gadameessa keessa jiru keessatti mul’achuu
• Dhukkuba gaggabdoo sirnaan to’achuuf, itti fayyadama qoricha ilaalchisee tarkaanfiiwwan kana hordofaa:
• Qorichoota sirritti akka ajajamanitti fudhachuu.
• Qoricha kee gara gosa adda ta’etti jijjiiruu kee dura ykn qoricha ajaja ogeessa fayyaatiin hin ajajamne kamiyyuu fudhachuu kee dura ogeessa eegumsa fayyaa mariisisi.
• Qoricha kee osoo hakiima kee hin mariisisin fudhachuu gonkumaa hin dhiisin.
• Miirri dhiphina sammuu, yaada of ajjeesuu ykn jijjiirama miiraa ykn amala kee irratti hin baratamne yoo si mudate hatattamaan hakiima kee beeksisi.
• Yoo dhukkuba mataa bowwootiin qabamte hakiima keetti himi; qorichi farra dhukkubbii garaachaa kan dhukkuba mataa bowwoo ittisuu fi dhukkuba gaggabdoo yaaluuf gargaaru siif ajajamuu danda’a.
Baqaqsanii Hodhuu Dhukkuba Gaggabdoo
Qorichootni mallattoolee dhukkuba kanaa haala gahaa ta’een yeroo to’achuu dadhaban baqaqsanii hodhuun filannoo ta’uu danda’a. Yeroo baqaqsanii hodhuu dhukkuba gaggabdoo naannoon sammuu addaa mallattoolee kee fidu ni baafama.
Baqaqsanii hodhuudhaaf ulaagaaleen armaan gadii guutamuu qabu:
• Mallattoon dhukkuba gaggabdoo naannoo sammuu ifatti ibsame irraa madda.
• Naannoo sammuu baqaqsanii hodhuu qabu hojiiwwan barbaachisoo kanneen akka dubbii, afaanii, sochii, mul’ata ykn dhaga’uu keessatti gahee hin qabu.
Baqaqsanii hodhuu milkaa’aa ta’een boodas qoricha farra dhukkubbii garaachaa fudhachuu itti fufuun si barbaachisuu danda’a, doosiin isaa xiqqaa ta’us.
Darbee darbee, baqaqsanii hodhuun dhukkuba garaachaa rakkoolee kan akka jijjiirama dhaabbataa dandeettii hubannoo kee irratti fiduu danda’a.
Wal'aansoowwan Biroo
• kaka'umsa narvii vaagasii: Kunis meeshaa gogaa jalatti naannoo garaa keessaniitti kaa’amee fi elektirikii gara sammuutti erguun dhukkubbii qaamaa dhibbeentaa 20 hanga 40 hir’isa.
Ammas qoricha keessan fudhachuu itti fufuu kan qabdan ta’us, meeshaan kun dozii barbaachisu gadi buusuufi miidhaa cinaa xiqqeessuuf gargaaruu danda’a.
Miidhaan meeshaa kanaa dhukkubbii qoonqoo,sagalee dhageessisuu, hafuura kutuu fi qufaa.
•sirna nyaataa cooma baay'ee fi kaarboohaayidireetii xiqqaa qabu(Ketogenic diet) . i: Daa’imman dhukkuba gaggabdoo qaban tokko tokko nyaata cooma baay’ee fi kaarboohayidireetii xiqqaa qabu yeroo hunda hordofuudhaan mallattoo isaanii hir’isuu danda’u.
Nyaata kana ofii keessaniif ykn daa’ima keessaniif jalqabuu keessan dura hakiima mariisisaa.
Miidhaan nyaata kanaan dhufu bishaan qaama keessaa hir’achuu, qufaa, hanqina soorataa, guddina suuta jechuu fi dhagaa tiruu kan dabalatudha. To’annoo ogeessa fayyaa jalatti nyaata hordofuun miidhaa cinaa kana ittisuuf gargaara.
Kaka'umsa Elektirikii Gad-fagoo Sammuu (Deep Brain Stimulation, DBS)
Kun gosa wal’aansa baqaqsanii hodhuu yoo ta’u, mallattoolee dhukkubakan akka raafamuu—elektiroodii kutaa sammuu murtaa’e tokko keessa kaa’uudhaan madda elektirikii (garaa ykn mataa keessatti kaa’ame) kan kallattiin gara sammuutti elektirikii dabarsu waliin walqabsiisuudhaan.
Dhukkubsataan dhukkuba garaachaa qabu maal gochuu qaba?
• Qoricha ajajamee fi kunuunsa fayyaa sirnaan hordofuu
• Bishaan gahaa dhuguu fi hirriba gahaa ykn boqonnaa gahaa argachuu
• Sochii qaamaa yeroo hunda gochuu
• Dhiphinaafi yaaddoo to’achuu
• Dhugaatii alkoolii hir’isuu fi tamboo xuuxuu irraa fagaachuu
• Yoo danda’ame meeshaa adda baasuu (kan akka mudhii ykn mi’a harkaa) kan dhukkuba garaachaa qabaachuu kee agarsiisu uffadhu; kunis namoonni kaan gargaarsa yaalaa yeroo kennan of eeggannoo akka godhan gargaara.
Dhukkubni garaachaa akkamitti ittifamuu danda’a?
• Akka ragaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa agarsiisutti, namoota dhukkuba garaachaa qaban keessaa dhibbeentaan 25 ittisuun ni danda’ama. Tarkaanfiiwwan kunneenis:
o Miidhaa mataa ittisuu.
o Yeroo ulfaa kunuunsa dahumsa duraa sirrii ta’e mirkaneessuu fi dhaabbata fayyaa keessatti da’uu; kunis carraa dhukkubni garaachaa daa’imman erga dhalatanii booda uumamuu hir’isuuf gargaara.
o Ho’a qaamaa: Keessumaa daa’imman irratti ho’i qaamaa sirnaan yoo hin yaalamne rakkoo dhukkubbii qaamaa (seizure disorders) fiduu danda’a. Kanaafuu, daa’imman irratti ho’a qaamaa olaanaa to’achuuf qoricha ho’a qaamaa hir’isu (kan akka paracetamol) fayyadamuu qabna.
o Haalli akka dhiibbaa dhiigaa, dhukkuba sukkaaraa, fi furdina garmalee carraa dhiigni sammuu keessatti dhangala’uu dabaluu danda’a; kanaaf ittisaa fi bulchiinsa sirrii barbaadu.
o Jireenya fayya qabeessa ta’e fudhachuu: Kunis nyaata madaalawaa ta’e eeguu, ulfaatina qaamaa hamma fayya qabeessa ta’e keessa kaa’uu, sochii qaamaa irratti bobba’uu, tamboo xuuxuu irraa fagaachuu fi dhugaatii alkoolii daangeessuu dabalata.
o Biyyoota galii gadi aanaa fi giddu galeessaa qaban keessatti ittisa fi to’annoon dhukkuba meningitis fi infekshiniiwwan biroo sammuu miidhan jeequmsa dhukkubbii garaachaa ittisuu keessatti gahee murteessaa qaba.




